🌿 Gammachuu fi Raahaa Kee Eessa Barbaaddaa?

your comfortable..

🌿 Gammachuu fi Raahaa Kee Eessa Barbaaddaa?

Gammachuun dhugaatii fi boqonnaan qalbii
wontoota armaan gadii keessatti argama:

Rabbii kee sodaatuu qofa keessatti
— Inni sodaan Rabbii qalbii qulqulleessa, jireenya sirreessa.

📖 Qur’aana qara’uu keessatti
— Jechi Rabbii ifa qalbii fi boqonnaa lubbuu ti.

🕌 Salaata sirriitti salaatuu keessatti
— Salaanni hidhaa siif Rabbii kee waliin uuma.

🎓 Barnoota barbaaduu fi barachuu keessatti
— Beekumsi daandii milkaa’inaa fi ifa jireenyaati.

🤝 Nama rakkataa gargaaruu keessatti
— Gammachuun dhugaa kan argamu yeroo nama biraa gammachiiftudha.

❤️ Nama jibbuun, waanyuun fi haasawni badaan irraa fagaatuu keessatti
— Qalbiin nagaa jaalalaan guutamtu jireenya bareedaa uuma.

💼 Duniyaa kana halaalaan dalaguu keessatti
— Rizqiin halaalaa tasgabbii qalbii fi eebbifama jireenyaati.


🌸 Yaadachiisa

Gammachuun hin bitamu, hin liqimfamu;
inni hojii gaarii fi Rabbii gammachiisuu irraa madda.

Post a Comment

0 Comments